Posts

Showing posts from May, 2024

QULQULLEETTII ARSEEMAAN EENYU?

Image
  Qulqulleettiin Arseemaa eenyudha? Si'iliin Qulqulleettii Arseemaa inni sirriin kamidha? Qulqulleettiin Arseemaa Abbaa ishee Qulqulluu Tewoodiroosii fi haadha ishee Qulqulleettii Atinaasiyaa irraa wareegaan kan dhalattedha. Kan dhalattes Jaarraa 3ffaa keessaa Xaaliyaan, Roomitti, Ji'a Muddee, Kamisa gaafa guyyaa 6 yoo ta'u, gara Armaniyaatti kan godaante ykn baqatte Mootiin Diyooqilixiyaanoos Kiristaanotaa fi ishee gidirsuu isaatiin. Barri isheen keessa turtes «Bara Wareegamtootaa» jedhamuun beekama. Qulqulleettiin Arseemaa wareegamtuu Mana Kiristaanaa bara 290 keessa Armanitti wareegamummaan boqottedha. Biyyi dhaloota ishee Room yoo ta'u, wareegamummaa kan fudhatte ammoo Armanittidha. Nuti hordoftoonni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ykn Itoophiyaanonni «Qulqulleettii Arseemaa » yeroo jennuun, isaan ammoo «Saint Hripsime» jedhanii waamu. Namni Seenaa Qulqulleettii Arseemaa dubbisuu barbaade hundi maqaa Qulqulleettii kanaa Google irratti barreesse yoo barbaad...

QULQULLUU MAARQOS WANGEELAAWWII

Image
         SEENAA QULQULLUU MAARQOS                  WANGEELAAWWII  Qulqulluun Maarqoos dhaloota isaatiin Ibraawwii yoo ta'u, maatiin isaa garuu jiraachaa kan turan Kaaba Afriikaa Siranikaa ykn Qareenaa kan jedhamte Lixa Liibiyaa hardhaatti magaalaa ho'ituu hundoofte keessatti ture. Ta'us garuu Gosoonni Zaalaa Kaaba Afriikaa ykn Gosoota Zaalaa kan ta'aan Barbaroonni yeroodhaa yerootti magaalittii irratti haleellaa taasisanii, qabeenya isaanii saamaa waan isaan rakkisaniif haati isaa Maariyaam fi Abbaan isaa Arsooxoobulus gara biyya dhaloota isaaniitti ykn gara biyya dhaloota isaanii Iyyerusaaleemitti deebi'uun mana ijaarratanii jiraachuu jalqaban. Qulqulluun Maarqoos daa'imummaa isaa irraa eegalee ykn daa'ima ta'ee osoo jiruu Iyyerusaaleemitti jiraachuuf carroomuu isaatiin, bara sanatti kennamaa kan ture barumsa ykn barumsa bara sanatti kennamaa ture carraan argachuu ykn carraan barachuu isa qunnameera. Afaanota La...